Mana Maree Gorsaa Diyaaspooraa Tiraasti Fandii

Mana Maree Gorsaa Diyaaspooraa Tiraasti Fandii

Ibsa Miidiyaa Hagayya 24, 2018

Manni marii diyaaspooraa Tirasti Fandii ibsa waajjira Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa irraa gaafaa Hagayya 9, 2018 irraa hundeeffama mana marichaa ilaalchisee hirmaannaa diyaaspooraan guddina Itoophiyaaa keessatti qaban akka beeksisuu, deeggaru fi qindeessuuf baase galateeffachuu barbaanna.

Yeroo garaa garaattii muummichi ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad diyaaspooraan lammiileen Itoophiyaa biyyaa alaa jiraatan miisooma biyya isaanii irratti akka hirmaataniif guyyaattis Doolaara Ameerikaa 1 akka gumaachan irra deddeebiin gaafachaa turaniiru. Maallaqni Tiraasti Fandiin funaanamu kun baajata mootummaatti akka hindabalamne dubbataniiru. Kunis boordii mataa isaatiin akka bulu himaanii jiru. Deebiin lammiilee Itoophiyaa biyyoota alaa keessa jirataniirraa muummicha ministeeraatiif kenname abdachiisaa fi kan nama jajjaabeessudha.

Manni marichaas hojiirraa oolmaa Fandichaatiif kuttannoodhan nihojjeta. Miseensonni Mana marichaa lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraan karaa garaa garaatiin bakka bu’uun hojjechuuf muuxxannoo fi oguummaa garaa garaa qabnuun bu’a qabeessummaa fi milkaa’ina hojii kanaaf kutannoon hojjechuuf qophaa’aadha. Filannoon miseensota mana marichaa namoota ogummaa, kennaa, ilaalchaa fi kutannoo garaa garaa kan ofkeessatti qabatedha.

Yeroo gabaabaa keessaatti miseensota haaraatiif waamicha nidhiheessina. Akkuma ergamasaa Manni Marichaa caasaa bal’aa, gaafatamummaa cimaa fi iftoominni keessatti kan dagaage taasisuuf kaayyefateera. Manni marichaa kan ittiin Fandichii milkaa’uu gumaachitoonni, fayyadamtoonnii fi qooda fudhattonni hundi yoo kaayyoo Fandichaa haalaan hubatanii fi akkaataa inni ittiin geggeeffamu, hoogganamu, hojiirraa oolu fi gabaasamu yoo beekani jedhee amana. Amala gaafatamummaa keessaa tokko boordii bilisa ta’ee Fandicha to’atu qabaachuudha. Manni marichaa muuxannoo gaggaarrii sadarkaa olaanaatti jiran fudhachuun akkataa Fandicha gaafatamuummaa fi iftoominaan hojiirra ooluuf ni hojjeta.

Manni marichaa gumaachitoonni lamiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatanii gummacha isaaniif yaada garaa garaa akkataa fedhii biyyattiin ittiin guddatu akka qaban ni hubata. Kanaafis manni marichaa haalaan qorachuun akkataa fedhiiwwan garaa garaa walitti dhufuu dandaa’aniin hojiirra oolchuuf ni hojjeta.

Manni marichaa laammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan amma gummachuuf miiraa ho’aa keessa akka jiran ni hubata. Baa’yeen maliif callisnee herreega baankiitti hinqusannuu jechuun gaafatu. Manni marichaa lammiileen Itoophiyaa gumaachuu barbaadan dambii fi seera ittiin Fundichi hundaa’ee akka beekan feedha. Dhimmichi akkuma maallaqa qusatan salphaa miti. Ameerikaa keessatti 9/11akkasumas biyyoota biro keessaatti namoonno maallaqa hojii hinmalleef qusatan seeraan hordofuun kan baratamedha. Manni marichaa Fandichi bu’uura seeraa biyya Ameeriikaa akka qabaatuu mirkaneeffachuu barbaada.

Seera kabajuun kan inni guutachuu qabu dhaabbilee faayiinaansii waliin qindaa’uu fi dhaabbata dambii fi imaammata mootummaan walitti hinbuune hundeessuu akkasumas muuxannoo gaggaarii akkataa Fandichi ittiin funaanamu fudhachuudhani. Adeemsi kunis yeroo murtaa’e ni fudhata. Manni marichaa wantoota seerri biyyaa fi federaalaa dhabbilee tola ooltotaa gaafatan guutuun irraa eegama. Wantoonni irraa barbaadaman kun halkan tokkotti waan raawwatu miti. Yeroo fi adeemsa keessa darbu qaba. Dabalataanis manni marichaa seerota hunda akka Itoophiyaatti barbaachisan marti akka guutaman mirkaneeffachuu barbaada.

Manni marichaa dhimmoota kaffaltii daddabarsa maallaqaa beeksisuu barbaada. Manni marichaa dhabbileen daddabarsa maallaqaa irratti hojjetan akka kaffalchiisan ni hubata. Manni marichaa filannoowwan garaa garaa akkataa ittiin kaffaltii daddabarsa mallaaqaa ittiin hir’isuu dandaa’amu qorachaa jira. Manni marichaa hojiilee hedduu caasaa bulchiinsaa fi adeemsa Fandichaa dabalatee hojjechaa jira. Lammiillee Itoophiyaa biyya alaa jiran obsaa fi walhubachuun akka nuti waan dandaa’ame hunda guyyaa fi halkan ariitiin hojechaa jiru fi akkuma xumurreen hojiitti akka galamuuf akka nu hubatu gaafachuu barbaanna. Kanuumaafuu Manni marichaa lammiileen Itoophiyaa Fandii kanaaf gummaachuu feetan hundi gumaacha keessan hanga nuti isin beeksiisnutti ofharkatti akka qabattan kabaja olaanaan isin gaafata.

Manni marichaa odeeffannoo wayitawaa ibsa miidiyaan fi marsariitii yeroo dhihoottii banamuu fi miidiyaalee argamaniin kan isin beeksiisnu ta’a.

Manni marichaa namoonni dhuunfaa fi gareen baay’een Fandii diyaaspooraa banuun bulchaa akka jiran ni beeka. Manni marichaa, laammileen Itoophiyaa ala jiran dhimmoota dhuunfaan fi gareen taasifamu kana waliin hariiroo akka hinqabne akka beektan barbaanna. Namoonni fi gareen kun wayita Fandichi labsamu nu waliin walitti dhufu jennee abdanna.

Manni marichaa ofeegannoo cimaadhaan waan sirrii jalqabuma hojjechuun waan mijataa hin taanee fi booda suphuun hin barbaachisu jedhee hojjechaa jira. Manni marichaa Lammilee Itoophiyaa biyya alaa jiran fedhii isaanii karaa hinbaratamneen ibsachaa jiraniif, hojiirraa oolmaa fi kutannoo isaan Fandii kanaaf qaban galateeffachuu barbbada. Nutis waan humni fi daandeettiin keenyaa eeyyameen Fandiin kun dafee hojiirraa akka ooluu hojjechuuf waadaa isinii galla. Alamaayyoo G/Maariyaam Dura ta’aa Mana Marichaa Teessoo : EDTF2018@gmail.com

 

LEAVE A REPLY